Prezidaant Doonaald Traamp Gumii Walii Galaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Irratti Weerara COVID-19f Sababaan Chaayinaa Dha Jechuun Himatan 

  • VOA

Prezidaant Doonaald Traamp Gumii Walii Galaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Irratti Weerara COVID-19f Sababaan Chaayinaa Dha Jechuun Himatan 

Weerara addunyaa kana raaseen kan ofii isaanii biyyi isaanii rakkataa jirtu prezidaant Doonaald Tramp, Beejiing COVID-19 addunyaa irra akka tamsa’u goote jechuu dhaan himatanii, Chaayinaan hojii ishee kanaaf akka itti gaafatamtu tokkummaa mootummootaaf waamicha dabarsan. Prezidaant Tramp haasaan isaanii kan gumii walii galaa kan tokummaa mootummootaa 75ffaa irratti qabiyyee duula filannoo isaanii hedduu irratti fuuleffatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Prezidaant Doonaald Traamp Gumii Walii Galaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Irratti Weerara COVID-19f Sababaan Chaayinaa Dha Jechuun Himatan

Gumiin walii gala kan tokkummaa mootummootaa yeroo kaan haasaa hoogganoota addunyaa fi hojiiwwan diplomaasummaa guyyaa guyyaa kan irratti mul’atu barana qabbanaa’aa fi viidiyoo dhaan geggeessame. Prezidaant Doonaald Trampiin dabalatee hoogganoonni haasaa isaanii gama viidiyoon dhageessisan.

Tramp haasaa dhageessisaniin, talaalliicha ni raabsina, vaayiresichas ni ijifanna. Weerara kana ni dhaabna. Akkasumas bara badhaadhinaa fi bara haaraa kan nageenyaa keessas ni seenna. Egeree keenya ifaatti deemaa ennaa jirru kanatti biyya weerara kana addunyaatti fidde Chaayinaa garuu akka itti gaafatamtu gochuu qabna.

Tramp, Beejiin vaayiresii koronaa ilaalchisee yeroo isaatti odeeffannoo qooduu dhabuu isee fi weerarri kun akka hin tamsaane gochuu dhabuu isheen himatan. Tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderri Chaayinaa Zhang Jun garuu

Himanaa sana fudhatama dhabsiisuu dhaan kan hundee hin qabaanne jechaa, COVID-19f addunyaan deebii akka kennu kan yaadachiisan prezidaantii Chaayinaa Xi Jinping gara waltajjiitti affeeran.

Dhimma isaa dhimmi siyaasaa gochuuf ykn jibbisiisuuf yaaliin godhamu kam iyyuu fudhatama argachuu hin qabu. Vaayiresicha dura dhaabbahuu dhaan tarkaanfii walii gala fi yeroo dheeraaf ittiin to’achuun danda’amu fudhachuu qabna jedhan Jinping.