Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shoroorkeessummaan Kanneen Himataman Kamiisa Deebi'anii Mana Murtiitti Duratti Dhiyaatu


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Jawaar Mohammad fi hogganoonni mormituu kanneen biroon 22 Wiixata kaleessaa mana murtiitti dhiyaatanii himannaan shoroorkeessummaa fi kanneen biroon irratti dhiyaatee jira.

Jawaar baatii Sadaasa darbee keessa mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad waliin erga wal argee dubbatee booda paartii mormituu Kongreesa Federaalawaa Oroomootti dabalame.

Duraan OMN hogganaa kan turee fi ifatti mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmadiin qeequun kan beekamu Jawaar Mohammad baatii Waxabajjii darbee wellisaa oromoo beekamaaan Haacaaluu Hundeessaa eega ajjeefamee booda hidhame.

Xinxaltoonni siyaasaa akka jedhanti himannaan irratti dhiyaate kun Oromiyaa keessatti muddamsa kaasisuu mala.

Gabaasa Saayman Maark Finfinnee irraa erge caqasaa

Shoroorkeessummaan Kanneen Himataman Kamiisa Deebi'anii Mana Murtiitti Duratti Dhiyaatu
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:23 0:00


XS
SM
MD
LG