Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbati Eegumsa Fayyaa Yunaayitid Isteetis Qajeelfama Faca’ina COVID-19 Ilaalchisee Baasee Marsariitii Irraa Kaase 


Yunaayitid Isteetis keessaa lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan qabamanii du’anii 200,000 dhiyaataa ennaa jiru kanatti ejensiin eegumsa fayyaa ol aanaan kan mootummaa odeeffannoo marsariitii isaa irra ture kan vaayiresiin kun attamiin akka daddarbu haqee jira. Waaltaan ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa jimaata darbe barruu maxxanseen vaayiresiin kun qilleensa keessa faca’ee fageenya hanga tokko irraa namatti darbuu danda’a jedhee ture.

Waaltaan kun kaleessa akka tasaa qajeelfama kana haquu dhaan kan duraan ture namni yoo fageenya meetra 1.8 walitti siqee fi walitti ennaa dubbatan, hafuura baafatan ykn haxxifatan vaayiresichi tamsa’uu danda’a isa jedhuun jijjiire.

Itti aanaa daayirekterri CDC Dr. Jeey Betler akka jedhanitti beeksisi sun xiinxala barbaachisu jala utuu hin darbin dogoggoraan maxxanfame.

Akkaataa COVID-19 itti daddarbu baatilee hedduuf ogeessota fayyaa biratti falmii kaasisee jira. Baatii Adoolessaa keessa biyyoota 30 ol irraa kanneen walitti dhufan hayyoonni saayinsii 200 ol ta’an waaltaan sun vaayiresichi qilleensa keessa faca’uun daddarbuu isaaf ragaa jiru akka xiinxalu jarmayaa fayyaa addunyaaf xalayaa erganii jiran.

CDCn eenyutu qoratamuu qaba ka jedhu qajeelfama jiru jijjiiruu isaaf irratti fuuleffatamee jira. Waaltaan kun baatii darbe namoonni vaayiresii kana qabaatanii mallattoo hin agarsiisne yoo nama vaayiresiin kun qabe waliin yoo wal argan qoratamuu hin qaban jechuu dhaan kan duraan namni kamuu nama qabame waliin wal arginaan qoratamuu qaba qajeelfama jedhu jijjiira. Jijjiiramni kun kan ta’e erga gurumuu vaayiresii koronaatti duuluuf hundaa’e kan White Housen erga ilaalamee booda CDCn qajeelfama isaa ka duraaniitti deebise.

Jaarmayaan fayyaa addunyaa COVID-19f talaallii oomishuu akkasumas qixxee maraaf raabsuuf kaka’umsa sadarkaa addunyaan biyyoonni 156 kan hirmaatan ta’uukaleessa beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG