Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaan Maallaqa Isa Haaraa Raabsuu Eegalte 


Nootii qarshii haaraa
Nootii qarshii haaraa

Itiyooopiyaan yakka maallaqa waliin wal qabate ittisuuf jecha maallaqa haaraa raabsuu eegalte. Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed maallaqa abbaa 10,50 fi 100 akka gad dhiisame kaleessa beeksisan.

Biyyattiin gaanfa Afriikaa yeroo jalqabaaf qarshii abbaa 200 beeksistee jirti.

Abiy Ahimed maallaqi inni haaraan dinagdee sababaa weerara vaayiresii koronaan miidhame fi gatii sharafaa kufee fooyyessuuf gargaara jedhan.

Lammiiwwan biyyattii qarshii isa duraanii jijjiirrachuuf baatii sadii qaba. Dizaayinii fi eegumsaaf mallattoon qarshii sana irra jiru maallaqa kijibaan ba’u ittisu jedhanii kan amanan ta’uu angawoonni beeksisaniiru.

Maallaqi baankii dhaa ala deddeebi’u rakkoo jiru hammeessuu isaa baankileen ibsanii jiran. Itiyoopiyaan yeroo dhumaa maallaqa ishee kan jijjiirti kurna lama dura ennaa xumura lola Eertraa waliinii ture.

XS
SM
MD
LG