Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoopiyaa Of Eeggannoo COVID-19 Ittisuu Gochuu dhaan Filannoon Geggeessamuuf Qopheen Akka Eegalu Murteesse 


Manni maree bakka bu’oota uummataa kan Itiyoopiyaa filannoon biyyoolessaa 6ffaan tarkaanfii of eeggannoo COVID -19 fudhachuun waggaa kana geggeessuuf qopheen akka jalqabamu murtii dabarse.

Manni maree bakka bu’ootaa wal ga’ii hatattamaa 4ffaa kan waggaa hojii 5ffaa har’a waajjira muummicha ministeeraatti geggeessee jira.

Wal ga’ii hatattamaa sanaan koree dhaabbataan dhimmootii dubartootaa, dargaggootaa fi hawaasummaa akkasumas koree dhaabbataan dhimmootii seeraa haqaa fi dhimokraasii, fi ministriin eegumsa fayyaa weerara koronaaf deebii kennuuf tarkaanfii itti aanu gama ilaaleen gabaasa dhiyeessee fi yaada murtiiwwanii dhiyaatan irratti mari’atee yaada mormii tokkoo fi kan sagalee hin kenning hafan 8n sagalee ol aanaan raggaasisee jira.

Wal ga’ii har’aa kanaanis weerara COVID-19 ittisuu bu’uura godhachuu dhaan manneen barnootaa fi sochiin dinagdee fi hawaasummaa aakka jalqaban murtaa’ee jira.

Manni murtii Feederaalaa abbaan alangaa hooggana paartii Baalderaas jedhamu Iskindir Neggaa fi kanneen biroo irratti himannaan dhiyaate irratti fooyeffamni akka taasissamu ajajee jira. Manni murtichaa yakkawwan kun yeroo isaan itti raawwatamanii fi bakka isaa ilaalchisee ibsi waan itti hanqatuuf murtii kennuu akka hin dandeenye beeksisee jira jedha Meleskachew Ammaha Finfinnee irraa.

XS
SM
MD
LG