Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Alangaa Federaalaa Obbo Jawaar Mohammed, Baqqalaa Garbaa fi Kanneen Biroo Shororkeessummaan Himate


(Suuraa faayilii)

Manni murtii olaanaa Federaalaa dhaddacha yakkaa kan Lidataatti Abbaan-alangaa Federaalaa Itiyoophiyaa, Obbo Jawaar Mohammedii fi Obbo Baqqalaa Garbaa faa dabalee namoota 23 fi dhaabbata OMN irratti himata dhiyeessee jira.

Namoota gosa Amaaraa fi kanneen hordoftoota Amantii Ortodoksii ta'an irratti haleellaan akka gaggeeffamuuf meeshaalee qunnamtii adda addaa gargaaramuun akkasumas qaamaan argamuun walitti-bu'iinsa isaan kakaasaniin magaalaa Finfinnee keessa iddoo adda addaatti lubuun namoota 13 darbuu ibsee jira. Oromiyaa keessattis godinaalee fi magaalaalee adda addaa keessatti namoota 360 irra miidhamni qaamaa jabaa fi salphaan ga'uu kan ibse himatii abbaa alangaa Federaalaa kun, lubbuun namoota 167 darbe, jedhe.

Finfinnee keessatti badii dhaqqabeen qabeenyaan mootummaas ta'e kan namoota dhunfaa Qarshii Miliyoona 40 oltti tilmaamamuu akkasumas Oromiyaa keessatti qabeenyaan qarshii Biliyoona 4 caalaatti tilmaamamu manca’uu ibse.

Kanaaf, himatamtoonni kun nageenya ykn jireenya irratti jeequumsa guddaa waan dhaqqabsisaniif, meeshaa waraanaa qabatanii finciluu ykn wal waraansa kakaasuun, mootummaa irratti dhiibbaa geesisuu, yakka jedhuun himataman jedha. Kana malees abbaan alangaa Jawaar Mohammeed irratti himannaalee adda addaa dhiyeessee jira.

Manni murtii himatamtoonni yaada isaanii akka ibsatan ka carraa kenne yoo ta'u, Obbo Jawaar Mohammeed dhaamsan dabarfachuu barbaadun qaba jechuun itti fufees “Shororkeessaa" jedhamee himatamuu koof hedduun boona, gammachuutu natti dhaga'ama jedheera.

Mootummaan himata kana kan qopheesse sirna haqaa meeshaa godhachuun akka nuti filannoo dhufu keessatti hin hirmaanne ittisuuf kana godh. Gocha kana himatamtoota kanneen biroo irrattis argaa akka jirru hubachiisuun fedha,” jedhe Jawaar.

Obbo Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa haasawa qabiyyeen isaa kan Obbo Jawaar fakkaatu kan dhiyeessan yoo ta'u himatamtoonni ka biroon hangii tokkos yaada isaanii fi iyyata isaanii dhageesisanii jiru.

Kan har'a hin dhiyaatiin hafan Obbo Dajanee Xaafaa fi bakka bu'an dhaabbatta OMN bellama dhufutti akka dhiyaatan kan gaafate manni murtii beellama itti aanu Fulbaana 14 bara 2013 qabee jira.

Abbaan Alangaa Federaalaa Obbo Jawaar Mohammed, Baqqalaa Garbaa fi Kanneen Biroo Shororkeessummaan Himate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:45 0:00


Yaadawwan Ilaali (25)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG