Xurree ittiin seenan

Breaking News

Anfiree Alii Mirraa Addunyaa Kana Irraa Du’aan Boqotan


Anfiree Alii Mirraa
Anfiree Alii Mirraa

Hoogganaan amantii uummata Affaar, Sulxaan Anfiree Alii Mirraa, addunyaa kana irraa du’aan boqotan

Kan umuriin isaanii waggaa toorbaatamii afurii – Anfiree Alii Mirraa, seenaa bilisummaa Affaarii fi walumaa-galatti immoo, seenaa bilisummaa uummatoota itiyoophiyaa keessatti qooda guddaa nama qaban tahuun himamee jira.

Abbaa isaanii kabajamo fi jaallatamoo Sulxaan Alii Mirraa fi haadha isaanii Maayirem Alii Asaayitaa irraa ka dhalatan, Anfiree Alii Mirraa, falmaa bilisummaa, jaarsa biyyaa fi dippiloomaatii jechoota isaaniitiin dhiibbaa uumuutti nama beekaman tahuu, ilmi wasiila isaanii Kadaafoo Ayidaahis ibsanii jiran.

Sulxaanichi Affaar – Anfiree Alii Mirraa, bakka dhalata isaanii – Asaayittaatti sirni awwaalcha isaanii raaw’atamee jira.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimad, du’a hoogganaa amantii uummata Affaar kanaaf gadda itti dhaga’ame ibsanii, maatii fi firoota isaaniif jajjabina hawwanii jiran.

XS
SM
MD
LG