Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Paartii Mormituu Ayivoorii Koost Uummataf Waamicha Mormii Dhiheessan


Ayivoorii Koost keessatti kaadhimamaan prezidaantummaa ka paartii mormitootaa, akka prezidaantiin biyyattii Alaasaan Otaaraa marsaa sadaffaaf hin filatamne dura dhaabbachuuf jecha, akka uummatni biyyattii diddaadhaan mormii isaa mul’isu waamicha dhiheessan.

Henrii Koonaan Beedee, kaleessa, magaalaa galma mootummaa biyyattii, Abijaan keessatti kaadhimamtoota mormitootaa ka biroo fi deggertoota isaanii waliin ennaa walga’anii turnanitti kana dubbatan.

Kan umurii toorbaatamii saddeetii - prezidaantichi Ayivoorii Koost, Alaasaan Otaaraa, ka jalqaba waggaa kanaa irra deebi’anii filatamuu akka hin barbaadne waadaa seenan cabsanii, fialnnootti hirmaachuudhaaf paartii isaaniin eega kaadhimamanii, eega baatii dabree tii as hookkarri biyyattii keessatti kaka’e yoo xiqqaate lubbuu namoota kudha lamaa galaafate.

Kan isaan akka nama bakka isaan bu’uutti duraan ofii kaadhimatan - muummichi-ministaraa biyyattii – Amaaduu Goon Kulibaalii, eega baatii Adoolessaa keessa, akka tasaa dhukkuba onneetiin du’anii booda, yaada isaanii isaanii jijjiiranii, marsaa sadaffaaf dorgomuuf murteessan – Otaaraan.

XS
SM
MD
LG