Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prez. Traamp Tarree Abbaa-murtii Mana-murtii Muummichaaf Kaadhimamanii Secca'uu Dubbatan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis, Doonaald Traamp, tarree maqaa namoota abbaa-murtii Mana-murtii Muummichaaf kaadhimamanii secca’anii gabaabsuu isaanii dubbatanii, Jimaata yokaan Sanbata dhufu ka beeksisan tahuu dubbatan. Namni isaan filatan haadha-murtii dheengadda du’aan – Ruut Baader Giinisberg bakka-bu’uuf jiran.

Bakka taayitaa namni kaadhiman dubartii akka taatu ka dubbatan – prezidaant Traamp, namoota tarree sana keessa jiran keessaa sadii Koonii Baaret, Barbiraa Laago’aa fi Alisen Joonsi Raashiing tahuu beeksisan. Maqaa namoota lamaa ka biroo tarii tarree sana keessa jiraachuu malu, jedhamuu garuu hin dubbanne. Ogeeyyiin seeraa sadeenuu, kanneen safuutti cichan, paartii Rippaabilikaanii irraa ti.

Filannoon geggeessamuuf torbanneen jaha ennaa hafe kanatti, namni isaanii barcuma abbaa-murtii mana-murtii muummichaaf kaadhimuuf jiran kun, mana-maree murtii seeraa yokaan Senetii Yunaayitid Isteetisitti dhihaatee raggaasisamuu qaba, jedhan.

XS
SM
MD
LG