Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Kibbaa Naannoo Rakkoon Daangaa Jirutti Humnoonni Naga Eegumsaa Kan Bobba’an Ta’uu Beekise


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Naannoo Kibbaa godinaa Koonsoo fi aanaa addaa Alle jedhamu keessatti baatilee hanga tokkoof walitti bu’iinsi ture tasgabbaa’ee nagaan bu’uu isaa fi rakkoo nageenyaa kanneen qaban gammi dhiyaa naannichaas nageenya hanga tokko argachuu isaanii mootummaan naannoo Sanaa VOAf ibsee jira.

Torbee gara sanatti kan imalan itti aanaan naannoo Sanaa obbo Ristuu Yirdaaw daangaa e’anii gama Keeniyaatii karaa Turkaanaa Itiyoopiyaa seenuu dhaan godina Oomoo Kibbaa keessa kan jiraatan horsiisee bulaa aanaa Daassenech irratti haleellaa hidhattoonni raawwatan ittisuuf humnootii nagaa eegsisan kan boobbaasan ta’u itti gaafatamtuun waajjira dhimmootii kominikeeshinii naannoo Sanaa aadde Sennaayit Solomoon ibsanii jiran.

Lagi Oomoo guutuu isaan kanneen balaal lolaan miidhaman horsiisee bulaa kuma 62 ta’aniif mootummaan naannoo deggersa gochaafii jiraachuu illee tuqaniiru

XS
SM
MD
LG