Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Haasaa Gumii Tokkummaa Mootummootaaf Dhageessisaniin Chaayinaaf Ergaa Cimaa Dabarsa Jedhan


Prezidaant Doonaald Traamp haasaa gumii tokkummaa mootummootaa irratti dhiyaatuu fi kan dursee waraabameen chaayinaa dhaaf ergaa cimaa kan of keessaa qabu jedhan.

Tramp tuuta oduuf Wixata kaleessaa ibsa kennaniin Chaayinaa ilaalchisee waan irratti fuuleffatan hin dubbanne garuu barreeffamni hara’a ba’an akka mul’isanitti chaayinaan vaayiresii koronaa akkaataa isheen itti qabdee gama ilaaleen qeeqa haaraa dhiyeessuu isaanii fi jarmayaan fayyaa addunyaa Chaayinaa waliin walitti dhiyeenya qabu himannaa jedhu of keessaa qaba.

Kan deggersa Yunaayitid Isteetis WHOf gootu irraa kutan Tramp, dhaabbatichaa fi Chaayinaan weerara kana sadarkaa jalqabaa irratti dhaabsisuuf ga’aa hin hojjenne jechuun balleessaa itti muran. Tokkummaan mootummootaa Chayinaan gocha isaanii kanaaf akka itti gaafatamtu gochuu qaba jedhan. Bulchiinsi Tramp ofii isaa akkaataa qabiinsa vaayiresii koronaa irratti qeeqi cimaan irra ga’ee jira.

XS
SM
MD
LG