Magaalaa Finfinnee Keessatti Lafti Seera Ala Qabatamuu Adda-baafanne, Jedha Bulchiinsi Magaalalichaa 

Magaala Finfinnee (suuraa faayilii)

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti bara 1997 irraa eegalee lafti hektaara 1352 ol tahu seeraan ala qabatamuu fi manneen jireenyaa kuma 97 oli seeraan ala ijaaramuu qorannoo weerara lafaa seeraan alaa fi ijaarsaa seeraan alaa irratti gaggeffamaa tureen argadhe, jechuun Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ibsa kennee jira.

Marii dhimma weerara lafaa kana kan gaggeessan Itti aantuu-Kantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee akka dubbatannitti qabeenyaa waliin itti fayyadamnu lafa karaa seeraan ala weerarame kana gara baankii lafaatti deebisuun qaamolee seeraan ala qabatanii jiran irratti tarkaanfii seeraa tu fudhatama.

Ji'a tokkoon dura weerara seeraan alaa lafa magaalaa Finfinnee irratti taasifame ilaalchisuun qorannoo gaggeesseera jechuun ka gabaasaa dhiyeessee ture Paartiin Izeemaa gama isaatiin gabaasni Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhiyeesse qaama itti gaafatama isaa fudhatu adda hin baasne, jedha. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Magaalaa Finfinnee Keessatti Lafti Seera Ala Qabatamuu Adda-baafanne, Jedha Bulchiinsi Magaalalichaa