Seennin Bara Haaraa Akka Durii Walitti Yaa'un Hin Kabajamne

  • VOA

Uummatni addunyaa irraa biliyoona toorbaa fi qabxii saddeet tahu, sababaa Vaayirasii Koronaaf jecha otuu akka durii walitti yaa’ee hin ayyaaneffatiin, bara 2020tti nagaa dhaamee, bara haaraa – 2021tti cehe. Raashiyaa keessatti ayyaaneffannaan waggaa haaraa silaa uummatni walitti yaa’ee geggeeffatu baay’een ni haqame. Garuu, magaalaa ayyaaneffannaa jala-bultii bara haaraa akka taatetti ka beekamtu – Kaluugaa keessatti, jiraattonni akka sirnawwan ayyaaneffannaa akka haqaman fedhaniyyuu, tuuristootaaf sirni ayyaaneffannaa geggeessamee jira.

Moskoo irraa gama Kibba Lixaatti, kiiloo-meetira 150 irratti argamti, magaalaan Kaaluugaa.

Turkiin, guyyoota afuriif waan hundinuu akka cufamu labsuudhaan bara haaraa – 2021 simatte. Prezidaantiin biyyattii – Resep Tayip Erdogaan, yoo hoteelota keessatti seeraa-ala ayyaaneffannaaleen geggeessaman akka humnoonni naga-eegumsaa tarkaanfii fudhatan akeekkachiisan. Brussels irraa, haga magaalaa Jarman – Berliinittis sababaa Vaayirasii Koronaatiin, ayyaaneffannaan ugguramee jira.

Faransaayis, akka namni walitti yaa’ee hin ayyaaneffanne humnoota naga-eegumsaa dabalataa kuma dhibba tokko bobbaasuu ishee beeksiste.

Biyyoota addunyaa hedduu keessatti simannaan bara haaraa bara kanaa calleensaan dabre.