Obbo Baqqalaa Garbaa Haalli Fayyaa Isaanii Hammaate, Jedhama

Faayilii -Obboo Baqqalaa Garbaa mana hidhaatii gadhiifamee deggartoota isaatti yeroo haasahu, Guraandhala 13, 2018

Hoogganoota Siyaasaa Guyyaa 21ffaaf Lagannaa Nyaataarra Jiran Keessaa Obbo Baqqalaa Garbaa Haalli Fayyaa Isaanii Hammaate, Jedhama 

Hoggantoota siyaasaa mana hidhaa Qaallittiitti laganaa nyaataa guyya 21ffa irra jiran keessaa ka fayyaan isaani hammachaa akka jiru himame Obbo Baqqalaa Garbaa, manni murtii akka wal’aansa fayyaa argatan ehamus akka yaala irraa danqamanii jiran gareen Fayyaa isaani hordofuu fi Abukaatonni hidhamtoota beeksisan.

Obbo Baqqalaan akka hospitaala dhunfaatti yaalaman manni-murtii eyyamuun kan ammaa yaroo afuraffafi, jedhan.

Dhimma kana irratti kan gaafatame Manni Abbaa Halangaa waliigalaa Federaala yaada kennu irra of qusatee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Obbo Baqqalaa Garbaa Haalli Fayyaa Isaanii Hammaate, Jedhama