Ministriin Dhimma Alaa Itiyoophiyaa obbo Demmeqee Mekonnin Gumii Walii Galaa Kan Tokkummaa Mootummootaaf Ibsa Kennan

  • VOA

Itti aanaa muummichi ministeeraa fi Ministriin Dhimma Alaa Itiyoophiyaa obbo Demmeqee Mekonnin

Itti aanaa muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa yakka fixiinsaa Tigraay keessatti raawwatame jedhame yeroo jalqabaaf haalanii jiran. Ministrii dhimma alaa fi itti aanaa muummeen ministeeraa Itiyoophiyaa ibsa gumii tokkummaa mootummootaa 76ffaa irratti haasaa dhageessisaniin, himannaan dhiyaate himannaa kijibaa kan gocha suukaneessaa uumee afarsu jedhan.

Itti dabaluu dhaanis hawaasi addunyaa tattaaffii mootummaan isaanii tattaaffii inni fedhii namoomaa guutuuf taasisu galateeffachuu dhabuu isaa qeeqaniiru. Dhaaboliin gargaarsaa hangi tokko dhimma biyyattii jidduu seenuu isaanii illee qeeqanii jiran.

Sadarkaa amma jiruun deggersi namoomaa fedhii siyaasaaf itti fayyadamuu isaa amanutti dhiyaannee jirra jedhan. Itti aanaa muummichi ministeerichaa, dhimmootii COVID-19, jijjiirama qilleensaa fi hidha laga Abbayyaa ilaalchisee mari’ataniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Ministriin Dhimma Alaa Itiyoophiyaa obbo Demmeqee Mekonnin Gumii Walii Galaa Kan Tokkummaa Mootummootaaf Ibsa Kennan