Yunivarsitii Odaa Bultuum Keessatti Kaleessa Balaan Ibiddaa Dhaqqabee Jira

  • Jaallannee Gammadaa

Godiina Haraargee dhiyaa keessa kan jiru Yunivarsitii Odaa Bultuum keessatti Dilbata Waxabajjii 29 bara 2017 ganama eleektriika irraa kan madde ibiddi ka’u itti aantuu prezidaantii kan ta’an Aaddee Immabet Aberraa ibsanii jiru.

Yunivarsitichii ibbiddi kun kutaa dhiqannaa barattootaa keessaa ka’e jedhe iyyu barattonni hedduun garu kutaa ciisicha barattoota dhiraa keessaa ka’e jechuun falmi. Kana malees sababaa ittiin ka’uumsa ibidda kanaa isa himamee ni shakku.

Kanaaf qorannaan gaggeeffamuu qaba jedhu.Ijoolleen aarrii isaan ukkamse sadii fi kan ituu figuu kufee madaa’ee tokko wal’ansaaf gara hospitaala cirootti geeffamanii akka turan amma garu mooraatti deebifamuu ibsamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Yunivarsitii Odaa Bultuum Keessatti Kaleessa Balaan Ibiddaa Dhaqqabee Jira