Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Raayyaa Waraanaa Itiyoophiyaa Ambo Keessatti Namoota Haga 10 Ajjeesanii, 15 ol Madeessan. Gudar Keessatti Namoota 4 tu Madaa’e


Har’a magaalaa Amboo keessatti namoonni haga kudhanii humnoota waraana federaalaan rasaasaan dhawamanii ajjeesamuu fi namoonni kudha-shanii ol madaa’uu aangawoonni naannoo beeksisanii jiran.

Kaleessa immoo, Magaalaa Gudar keessatti namoonni afur raayyaa waraanaan rasaasaan dhawamanii madaa’uu jiraattonni dubbatanii jiran.

Gama biraatiin, ka magaalaa Finfinnee jiru – Ambaasiiin Yunaayitid Isteets, kanneen Finfinnee irraa gama Lixaatti argaman magaalaalee bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessa jiran – Amboo, Baakkoo, Holataa fi naannawa isaaniitti mormiileen hookkara qaban geggeessamuu fi karawwan cufamuu hubachuu isaa beeksisee jira.

Hojjetoonni Embaasichaa, dhimma tokko tokkoo namaa irratti hundaawee, gara sana deemuun kan ehamamu tahuu ka dubbate – Embaasiin Ameerika, kanneen yeroo ammaa “Ambo, Baakkoo, Holataa fi naannawa sana jirtan, yoo socho’uu barbaaddan of-eeggannoo cimaadhaan tahuu qaba” jechuun akeekkachiisee jira.

Akkuma yeroo mraa, karoora of-eeggannaa dhuunfaa keessanii keessa deebi’aa ilaalladhaa, haala naannawa keessan jiru, kanneen akka qophiilee adda addaa of-eeggannaadhaan ilaalaa. Maddeen oduu naannoo irraa oduu haarawaa dhaga’amu hordofaa. Nageenya keessaniif of-eeggadhaa – jechuudhaan, lammiilee isaaf hubachiisa baase – Embaasichi Ameerikaa.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Humnoonni Raayyaa Waraanaa Itiyoophiyaa Ambo Keessatti Namoota Haga 10 Ajjeesanii, 15 ol Madeessan. Gudar Keessatti Namoota 4 tu Madaa’e
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:51 0:00

XS
SM
MD
LG