Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barataa Yunivarsitii Jigjigaa : Afaan Oromoon Dubbachuu Koof Rasaasaan Haleelamuu Hin Qabu


Yunivarsiitii Jigjigaa
Yunivarsiitii Jigjigaa

Walitti-bu’insa bulchiinsa naannoo Somaalee fi Oromiyaa gidduutti uumamee irraa kan ka’e barattoonnii fi barsiisonni Ormoo Yunivarsitii Jigjigaa keessa turan boqonnaa gannaatii booda amma gara sana deebi’anii deemuun nageenya isaaniif yaaddessaa akka tahe ibsaa jiran.

Kanaafis jecha mootummaa naannoo Oromiyaa fi dhaabbata barnoota sadarkaa ol’aanaa kan ministirii barnootaa Federaatti iyyachuu isaanii amman dura gabaasnee turre. Gaaffiin kun amma illee deebii ga’aa hin argatiin jira.

Barattoonni hangi xiqqoon abdii kutannaan akkasumas barsiisonni lakkofsaan xiqqaa ta’an yeroo leenjii barnoota sadarkaa olaanaa achitti baratan dirqama mallatteesan guutuuf jecha gara Yunivarsitii Jigjigaatti imalanis haallii isaan mudatee gaarii akka hin ta’iin dubbatu.

Torban sadii dura Fuulbaana 26 bara 2010 barataa Nugusee Girmaa galmaa’uuf gara Yunivarsitii Jigjigaatti barattoota Oromoo ka biraa lama waliin adeemaa ituu jiranii bakka mooraa Yunivarsitichaatti dhiyoo ta’eetti rasaasaan rukutamuu isaa dubbata. Garu namoonni battaluuma gara magaalaa Adaamaatti waan geessaniif lubbuun hafuuf carroome.Warri Yunivarsiticha keessa guyyaa hanaga tokko turanii ba’anis haala addaan barattoota Oromoo ilaaluu jechuun sodaa qaban dubbatu.

Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame Caqasaa

Barataa Yunivarsitii Jigjigaa : Afaan Oromoon Dubbachuu Koof Rasaasaan Haleelamuu Hin Qabu
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:06 0:00

XS
SM
MD
LG