Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Filannoon Pireezdaantummaa Keeniyaa Maalis ta’u Gaggeeffamuu Qaba’ Uhuuruu Keeniyaattaa


Bakka bu’aan paartii mormitootaa Filannoo Pirezedaantummaa Keeniyaa kamisa dhufu ta’uuf deemu kana irratti hirmaachuu baatanus, filannoon kun akka Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa jedhedhetti gaggeeffamuu qaba jechuun pirezientiin Keeniyaa Uhuuruu keeniyaattaa dubbatan.

Naayiroobii naannoo Kaayyoleetti yoo duula na filadhaarratti dubbatan keeniyaattaan, ‘Hedduuminaan baatanii akka na filattan sin gaafachuuf kunoo dhufnee dura keessan dhaabbanne’ jechuun deeggartoota isaaniif yaadachiisa himaniiru.

Dhimma filannoo kana lafaa gaggeessuutiin nami hedduun hojii dhaabee waan ta’uuf deemu eegaa jira ka jedha Keeniyaattaan, ‘Filannoo kana guyyaa kaa’ametti hobbaasnee (gaggeessinee) gara jiruu isaatti nami hunduu deebi’uu qaba’ jedhan.

Bakka Bu’aan Paartii Mormituu Keeniyaa Raayilaaa Odiingaa Boordiin Filannoo biyyattii jijjiiram gochuu qabu hin goone jechuun Filannoo kana irratti hirmaachuu yoo lagatan, Keeniyaattaan garuu ‘Raayilaan filannoo kana lagatanus, irratti hirmaatanus filannoon kuni guyyaa jedhametti gaggeeffamuu qaba’jedhan.

Dhimma filannoo kana nageenyaan xumuruu ilaalchisees, Keeniyaattaan kaleessa Koomishinera Boordii Filannoo Keeniyaa duuka waajjira isaaniitti marii taasisaniiru. Dubbi Himaan Masaraa Mootummaa Keeniyaa Meenuwaa Eesipsiisuu “Prezidenti Keeniyaattaan Boordii Filannoorraa dhimma kaan akka hin qabne himanii, ‘Waanti Keeniyaattaan fedhan yoo jiraate’, filannoon kuni akka Manni Murtii Olaanaa biyyattii kaa’etti guyyaa jedhame keessatti akka gaggeeffamuu qabu.’’jechuun himani.

Dursaan Paartii Mormituu Raayilaan torbaniin dura ‘Boordiin Filannoo Keeniyaa filannoo haqa qabeessa gaggeessuuf qophii miti jechuun dorgommiin ala of godhaniiru. Dabalatas Raayilaan deeggartooti isaanii filannoo kana irratti akka hin hirmaannellee dhowwanii jiru.

Harra magaalaa deeggartooti Raayilaa itti baayyatan Kisuumuu keessatti mormiin kan jalqabe yoo tahu, Keeniyaattaan garuu ‘filannoo kun akka jeeqamuu hin qabne’ akeekkachiisaniiru.

‘Yoo filannoo kana irratti hirmaachuu hin feene nagaan mana taa’aa, garuu dhufee namni jeequmsa ka kaasu yoo ta’ee, dhugumaan Keeniyaa keessa Mootummaan jirachuu akka baru isa goona.’ Jedhan keeniyaattaan yoo akeekkachiisa kennan.

Obboleettii Dorgomaa Paartii Mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa ka taate Ruut Odiingaa qabeenya Koomishinii Boordii Filannoo irraatin miidhaa gaggeesite jedhamtee yeroo ammaa Abbaan Alangaa Mootummaa himannaa isheerratti banee jira.

Gama birootiin dippiloomatonni biyyoota lixaas waa’ee filannoo kanaa yaaddoo akka qaban himaniiru, Keeniyaatti Ambaasaadderri Ameerikaa Bob Goodek wixata darbe Hawaasa Dippiloomaatotaa 20 bakka bu’anii yoo ibsa kennan, ‘Qaamoleen lamaanuu walitti dhufanii mariyachuu akka qaban dubbatani’.

XS
SM
MD
LG