Beelli Hamaan Koongoo Mudate Yaaddessaa Dha: WFP

  • VOA

Haala Republikii dimokraatawaa Koongoo kibba gama dhiyaa bakka walitti bu’iinsi uummata miliyoona 3.2 beela hamaaf saaxile ilaalchisuun angawaan sagantaa nyaataa kan tokkummaa mootummootaa tokko akeekkachiisan.

Waggaa darbe keessa jiraattotan naannoo Kasai keessaa uummata miliyoona 1.4 ta’antu hookkara lubbuu kuma sadii galaafatee guutummaa gandeenee mancaaseen qe’ee ofii irraa buqa’an jedhu hoogganaan WFP kan Koongoo keessaa Claude Jibidar.

Jibidaar akka jedhanitti rakkoon gamasii kan Siiriyaa fi Yemen keessaa waliin wal fakkaata. Kan uummati itti heddummaate biyyattiin Afriikaa waaltaa kun uummata qe’ee ofii irraa godaane simachuuf ba’aa guddaatu irra jira.

Naannoo Kasaayiif qiyyaafati akka godhamu kan gaafate WFP qofa miti. Gareen doktoroota daangaan hin uggurree dhiyeenya hanqinni nyaata madaalamaa hamaan ijoollee jiraachuu gabaasee naannolee tokko tokko keessatti dhibba irraa harki kudhan nyaata madaalamaa hin argatan jedhee jira.

Hookkarri gamasii kan jalqabame waggaa darbe erga hoogganaan gosootaa kan yeroo dheeraaf Prezidaant Joseph Kabilaa mormaa turan ajjeefamanii booda.