Daayrektera Ol Aanaa WHO Ta’uuf Dorgommiin Geggeessamu Xumuramaa Jira

  • VOA

Jarmayaa Fayyaa Addunyaa

Aangoo ol aanaa jarmayaa fayyaa addunyaaf kanneen dorgoman duula waggaa tokkoo aangoo kana qabachuuf geggeessan xumuraa jiran. Directorri ol aanaa-n WHO inni itti aanu gumii jarmayaa fayyaa addunyaa baatii Ebla keessa geggeessamu irratti murtaa’uuf jira.

Dorgommii aangoo qabachuuf walitti aansuun tuuta oduuf ibsa kennuun geggeessamaa tureen, kaadhimamtoonni sadan dandeettii fi jarmaya fayyaa adduduyaa fooyyessuu fi waaltaa mikaa’ina qabu gochuuf yaada qaban ibsaniiru.

Ministeerri eegumsa fayyaa fi ministeerri dhimma alaa Ityoopiyaa duraanii Tedros Adahanom kaadhimamaa lammii Afriikaa jalqabaa WHO hoogganuuf dorgomani.

Dr. Adahaanoom gaazexeessotaaf ija jabinaan akka ibsanitti, hojii kanaaf kaadhimamaa gaarii ta’uu isaanii akkasumas muuxannoo biyyoolessaa fi ka sadarkaa addunyaa.

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa

Your browser doesn’t support HTML5

Daayrektera Ol Aanaa WHO Ta’uuf Dorgommiin Geggeessamu Xumuramaa Jira