Haasaa Muummchi Ministeeraa Itiyoophiyaa Galma Mileeniyamiitti Dhageessisan 

  • VOA

Muummichi ministeeraa Itiyophiyaa haraan Dr. Abiyyi Ahimad kaleessa haasaa isaan dhageessisan karoorawwan hanga tokko bal’inaan kan irratti beeksisaman ture.

Muummichi ministeericha haaraa irraa kan isaan eegan tarkaanfilee fudhataman keessaa filannoo waggaa lama booda geggeessamuuf jiru kan haqaa fi walabaa gochuu akka ta’e hoogganoonni paartileen mormituu dubbataa jiran.

Muummichi ministeerichaa dhimma kana irratti akka hojjetan haasaa isaanii kaleessaan waadaa seenaniiru.

Dr. Abiyi Ahimed akka jedhanitti sirni dimokraatawaan hiika qabu akka guddatu gochuuf IHADEG qofaa utuu hin taane paartileen morkattootaas jabaachuutu irra jira.

Gama kanaan filannoon biyyoolessaa inni itti aanu amansiisaa kan ta’e waltajjii dorgommii haqaa irratti kan geggeessamu falmii dhugaa kan ittin mul’atu akka ta’u qindoominaan kan hojjennu ta’uu isinii mirkaneessuun fedha jedhan.

Seerri farra shorokeessummaa fi seerawwan waldoolii tola toltummaaf kkf qaamotii ilaalchisee hawaasaa adda addaa akkasumas gareelee mormitootaa fi gareelee mirga namaa biraa komee guddaan dhiyaataa ture.

Seerawwan kana kan hin tuqin muummichi ministeeraa Abiyi Ahimed diittaa mirga namaaf komees sababaa seerawwan ta’an ittiin jedhan fooyyessuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.