Abukaatoo: Namoonni Gubachuu Mana Hidhaa Qilinxoon Himataman Dararaan Nu Irratti Gaggeeffamu Hammaate Jedhu

  • Jaallannee Gammadaa

Mana Murtii Federaalaa, Itiyoophiyaa

Manni hidhaa Qilinxoo gubachuu fi namoonni 23 balaa kanan du’u waliin haala wal qabateen hidhamtoota 38 irratti himannaan yakka kan shoroorkeessummaa diyaachuu Jimaata darbee ibsamee jira.Kanneen keessaa 4 galmee Obbo Baqqalaa Gargaa faa irra kan jiru yoo ta’u mana isaanis man murtiif akka ibsanti harkii isaasii shiboon sireetti yeroo dheeraaf hidhamee akka akka turu akkasumas yeroo rafanis hidhamanii akka ta’e ibsanii turan.

Sababaa kanaaniis irreen isaanii ciccitee godaannisa akka qabu abukaatoo isaanti agarsiisanii jiru.Manni murtii garuu, yeroo fudhatee kan hin ilaalllee ta’uun ibsamee jira. Shakkamtoonni soddomii saddeet Jimaata darbe dhaddachatti yeroo dhiyaatan dararaa fi reebichi hamaan akka irratti gaggeeffamu, milli isaanii fannifamee akka tumaman dararaa hamaan akka irratti gaggeefamu mana murtiitti iyyatan.

Namoota kana keessaa tokko kan ta’e barsiisaa Abdiisaa Bokaa jedhamu gubachuu mana hidhaa Qilinxoo sanaan du’e jedhamee reeffii isaa warraaf kennamee kan awwaalatan yoo ta’u mana murtii keessatti garu akka waan lubbuun jiruutti maqaan isaa waamamuu abukaatoo kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa dubbatanii jiru. Nutis waa’ee du’uu barsiisaa Abdiisaa Bookaa gabaasnee turre. Kana cuqaasuun gabaasaa keenya yeroo sanaa dhaggeeffachuu dandeessu.

Jimaata dabre, Manichi murtii yeroo maqaa barsiisaa Abdiisaa waamee dhabu mana hidhaa Qilinxoo irraa kanneen hidhamtoota fidanii dhufan gaafannaan waraqaa dhiyaate dubbisaa jechuunb mana murtiitti himan.Manni murtiis dubbisee bellama itti aanuutti haa dhiyaatu jechuun jabeessee ajaja kenne jedhu - Obbo Wandimmuun.

Namni du’e awwaalamee eessaa dhiyaachuu danda’an? isa jedhuuf saanduuqa reeffa isaatii akkuma cufamee maatiitti akkuma kennametti warri Abdisaa ituu hin baniin awwaaluu isaanii fi namoota balaa Ibiddaa Qilinxoon dhuman jedhame 23 eeenyummaa isaanii mootummaa maatii reeffi itti kenname qofa jedhu.Sababiin isaas mootummaan ifatti waan labsee waan hin qabneef jedhu. mootummaa fi maatii qofa jedhan.

Gama kaaniin kan torban darbe to’annaa jala oolan Dr. Mararaa Guddinaa Jimaata darbee yeroo manni murtii cufamuuf dhiyaateetti waaree booda sa’atii 4 irratti murtiitti dhiyeeefamuun ibsamee jira. Himannaa manni murtii irratti dhiyeessees shoroorkeessumma ta’uu manni murtii ibsee jira. Kan Dr. Mararaa waliin mana isaanii keessaa qabaman dargaggoonni lama haga ammaatti mana murtiitti kan hin dhiyeeffamne ta’uun ibsamee jira.

Kana cuqaasuun gaafii fi deebii geggeeffame caqasaa