Kamashii Keessatti Hidhattoonni Namoota Fayyaaleyyii  fi Naga-eeegdota Ajjeesan, Jedhu Namoonni Achii Baqatanii fi Mootumman 

  • VOA

Itoophiyaa map

Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal, Aanaa Seedaal keessatti, hidhattootni siiviloota yokaan namoota meeshaa waraanaa hin hidhatin ajjeesan jedhan, jiraattotni ijaan argine jedhaniifi achii baqachuu isaanii dubbatan tokko tokko.

Biiroon Tasgabbiifi Ijaarsa Nagaa Naannichaa, Hidhattoota Sochii Diimookiraatawaa Uummata Gumuz (GUHDEN) jedhamantu kaleessa namoota nagaafi humna naga-eegumsaa mootummaa keessaallee ajjeese, jedhe.

Hoogganaan Biiroo kanaa obbo Abiyoot Albooroo, ‘’Kaayyoon hidhattoota kanaa ijaarsa Hidha Laga Abbayyaa gufachiisuufi naannicha keessa akka nageenyi hin jiraanne taasisuu dha’’ jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Kamashii Keessatti Hidhattoonni Namoota Fayyaaleyyii  fi Naga-eeegdota Ajjeesan, Jedhu Namoonni Achii Baqatanii fi Mootumman