Lammiwwan Itiyoophiyaa Jenevaa keessatti Hiriira Ba’an

  • VOA

Faayilii - Hiriira lammiiwwan Itoophiyaa Chikaagotti geggeessan

Tarkaanfii Mootummaan Itiyoophiyaa Oromiyaa fi bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti fudhate mormina kanneen jedhan hiriirtoonni kun iyyannaa keenya kanas komiishina mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummotaatti barreeffamaan dhiyeeffanne jedhu.Koree hiriira kana qindesse kanaaf itti gaafatamaa sabaa himaa fi hariiroo uummataa kan ta’an Obbo Pheexroos Ashanaafii akka jedhanitti bulchiinsi Itiyoophiyaa gaggeessaa jiru kan abbaa irree waan ta’eef aangoo gadhiisuu qaba. Ajjechaa fi yakka rawwatamees qaamnii walabnii seenee qorqchuu qaba jechuun dubbatan. Hiriirtoonni kun Jenevaa fi biyya ollaa taate Faransaayii irraa kan dhufan ta’uun ibsamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Lammiwwan Itiyoophiyaa Jenevaa keessatti Hiriira Ba’an