Mariin Araaraa Siiriyaa Kaazaakitaanitti Jalqabame

  • VOA

A firefighters hoses down flames as a home burns in the Getty fire area along Tigertail Road in Los Angeles, California.

Mootummaan Siiriyaa fi bakka-bu’oonni mormitootaa, marii araaraa Raashiyaa fi Tarkiin karoorfametti hirmaachuuf jecha har’a magaalaa galma-mootummaa Kaazaakitaan keessatti walga’anii jiran.

Akka maddeen mormitootaa jedhanitti, mariin araaraa kun kan kallattiin walitti-dhufuun dubbatamu miti.

Mariin magaalaa Astaanaatti geggeessamu kun, walii-galtee dhukaasa-dhaabinsaa, baatii dabre keessa, jaarsummaa Raashiyaa, Iraanii fi Tarkiin tolfamee haga ammaatti hojjetaa jiru daran gad-jabeessuu irratti fuuleffata – jedhama.

Mariiwwan araaraa sana duraa, wal-waraasa bara 2011 biyyattii keessatti jalqabame sana dhaabsisuuf qoodni gumaachan baay’ee xiqqoo turan.