Miseensii Sadarkaa Olaanaa Kan Al-Shabaab Ajjeefame

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Xayyaara nam-maleeyyii kan Amerikaa haleellaa Kamiisa kaleessaa geesiseen ajjechaa kana rawwachuu isaa aangawoonni Somaaliyaa ibsanii jiru.

Waraannii Amerikaa kanneen waraana Somaaliyaaf deggersa godhantu miseensa sadarkaa olaanaa kan garee shoroorkeessoota Al-Shabaab ajjeese jedha ibsii mootummaan Somaaliyaa baaase,

Haleellaan kunis Somaaliyaa Kibba-dhiyaa Moqadishoo irraa fageenya Kiloo Meetra 208 irratti gaggeeffame.