Prezidaant Obaamaan Gaazzexeessotaaf Ibsa Xumuraa Kennan

  • VOA

Prezidaant Obaamaan Gaazzexeessotaaf Ibsa Xumuraa Kennan

Gaazzzexeessota Waayit Haawus irraa gabaasan waliin gaaffii fi deebii isaanii xumuraa geggeessanan kanaan – Prezidaantichi Yunaayitid Isteets yeroo bulchiinsa isaanii xumuratan – Baaraak Obaamaa, Prezidaantii haaraawa Boor muudamanii hojii jalqaban – Donaald Traampiif gorsa isaaniif danda’ame mara kennuu isaanii dubbatu.

Garuu, kanas ta’ee, xumura irratti kan irra-caalaa humna qabaatu, gorsa gurmuu Traamp irraa dhihaatu tahuu hubachiisan.

Ilaalchawwan isaa irra-caalaan yaada gorsitoonni isaa, namoonni naannawa isaa jiran kennaniif irratti hundaawa – jedheen yaada. Kanaafi, aagawoota inni dhiheeffate mirkaneessuuf gaaffii fi deebiiwwan mana-maree duratti geggeessamanitti ilaalcha kennuun barbaachisaa ka tahe – jedhu – Obaamaan.

Daldalaa abbaa-qabeenyaa manneenii ka ta’an – Doonaald Traamp, yeroo taayitaa prezidaantummaa biyyaa qabatanii geggeessuuf jiran kanatti gargaarsa akka isaan barbaachisu illee – Prezidaant Obaamaan hubachiisanii jiran.

Hojiin kun hojii baay’ee cimaa waan ta’eef, waan qofaa hojjechuun danda’amu miti – jedhu.

Hanna odeeffannoo fi iccitii karaa interneetii Yunaayitid Isteets irratti geggeessamu, ka biyyoonni akka Chaayinaa fi Raashiyaa geggeessan irraa of eeguuf imaammata eegumsa Saayiberii yokaan “Saayiber-sekiyuuriitii” baasuun biyyattiif barbaachisaa tahuu illee hubachiisanii jiran. Raashiyaan deemsa filannoo Yunaayitid Isteets dhiheenya kanaa gidduu seenuus balaaleffatan.

“Prezidaatiin Raashiyaa – Vilaadmiir Puutiin, ejjennoo farra-Yunaayitid Isteets qabatanii waan jiraniif, hariiroo Raashiyaa waliin qabaachuun rakkisaa tahe” – jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa