Qormaatni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Itiyoophiyaatti Kennamuu Jalqabe 

Your browser doesn’t support HTML5

Qormaatni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa guyyaa har'aa kennamuu jalqabuusaa Ministeerri Barnootaa beeksise. Rakkoowwan nageenyaa biyyattii keessa jiruun wal qabatee, bakkoota qormaatni itti hin kennamne adda bahee, baatii tokko booda kennama" jedhan, Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, "Barattootni Finfinneetti qormaata fudhachuuf galma'an hunduu qormaaticha fudhataa jiru" jechuun dubbatan.