Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Gamtaa Afriikaa Prezidaantiin Naayijeeriyaa Duraanii Maqalee Daawwatan


Asxaa Gamtaa Afrikaa dallaa waajjiraa muummee Finfinnee irraa, Sadaasa 8, 2021
Asxaa Gamtaa Afrikaa dallaa waajjiraa muummee Finfinnee irraa, Sadaasa 8, 2021

Jilli addaa kan Gamtaa Afriikaa Oluugeeguun Obaasaanjoo kaleessa gara Tigraayitti imaluu dhaan Maqalee keessatti Dr. Debretsiyoon Gerbrmikaa’el waliin mari’achuu isaanii dubbi himaan paartichaa ergaa twitter maxxansaniin beeksisaniiru.

Getaachoo Redaa akka jedhanitti jilli addaa gamtaa Afriikaa kan ammaa Obaasaanjoon Dr. Debretsiyoon waliin marii bu’a qabeessa geggeessaniiru. Dubbi himtuun dura taa’aa gamtichaa Ebbaa Kolondoo illee imala Maqalee kana mirkaneessaniiru. VOAf bilbilaan ibsa kennaniin, jilli addaa kun Maqalee keessatti marii erg geggeessanii booda Finfinneetti deebi’aniiru jedhan. Ibsa itti dabalaa garuu hin kennine.

Dubbi himtuun kun itti dabaluu dhaan gumiin nagaa fi nageenyaa illee dhimma itiyoophiyaa irratti har’a marii ni geggeessa jedhan. Mootummaan Itiyoophiyaa akka jedhetti, imalli Obaasaanjoon Maqaleetti geggeessan qaama hawaasa addunyaaf ibsa kennuuf ragaa barbaacha jedhan.

Har’a VOAf ibsa kan kennan minister deettaan dhimmootii kominikeeshinii mootummaa aadde Selaamaawit Kaasaa, imalli sun kan marii araaraa akka hin ta’in ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG