Magaalaa Shaashamannee Keessatti Nama Ajjesuun Baratamaa Dhufeera Jedhu Jiraattonni

  • Jaallannee Gammadaa

Shashamannee, Oromiyaa

Erga somanni Ramadaaanaa seenee as yeroo adda addaatti lakkoobsi namoota ajjefamanii 8 ga’uu isaa kan ibsan jiraattonni haalli kun sodaa guddaa nutti uume jedhu. Humnootiin mootummaa kan sadarkaa adda addaa magaalatti keessa ituu jiranii ajjechaan kun attamiin akka itti fufee nuu hin galuu jedhu. Kana balaaleeffachuun barattonni mana barumsaa qopha’iinaa kan Shaashamannee bulchaa magaalatti kan ta’an Obbo Jamaal Kadiriif gaaffii dhiyeessanii akka turan barattonni ibsanii jiru. Garuu deebiin argatan quubsaa waan hin taaneef Robii kaleessaa hiriiruu isaanii ibsan.

Dhimma kana kan ilaaleen itti gaafatamaan waajiira polisii magaalaa shaashamanne Komaandar Alamaayyoo Taddasaa deebii kennaniin lakkofsi namoota ajjefamanii 2 qofa ta’uu isaa fi kannen gocha kana keessaa harka qaban namni 5 mana murtii duratti dhiyaatanii sadan isaanii irratti hidhaa umrii guutuu lamaaan isaanii irratti immoo mata mataatti hidhaan waggaa 23 murteeffamuu ibsan. Kanneen yakka ajjechaa kana rawwatanis ammaan dura yakka adda addaa hojjachuun adabamanii hidhaa keessaa kan hikaman ta’uu dubbatan. Gama kaaniin waajirri komumikeshinii Oromiyaa Fees Buukii isaa irratti akka maxxanseetti Obbo Dastaa Kadir nama jedhaman kanneen ajjesan akkasumas saamiinsa kan gaggeessan namnii shan hidhaa umrii guutuu fi kan waggaa 23n adabamuu ibsee jira

Your browser doesn’t support HTML5

Magaalaa Shaashamannee Keessatti Nama Ajjesuun Baratamaa Dhufeera Jedhu Jiraattonni