Aangawoonni Somaaliyaa Keessaa Hojjetoota Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa 5 Al-shabaab Butuun Shakkame Barbaaduu Itti Fufanii

Aangawoonni Somaaliyaa Keessaa Hojjetoota Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa 5 Al-shabaab Butuun Shakkame Barbaaduu Itti Fufan

Aangawoonni Somaaliyaa keessaa, hojjetoota Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa shan garee Al-shabaabiin akka butamanitti shakkamu barbaaduu itti fufanii jiran.

Magaalaa Luuq keessatti ajajjaa waraana Somaaliyaa ka tahan – Koloneel Deeq Abdii-kaliif akka jedhanitti, hojjetoonni sun kaleessa otuu mana isaanii jiranii, namoonni meeshaa hidhatan dhufanii dirqsiisuun konkolaataatti naqanii gara gammoojjiitti geessan.

Kan magaalaa Loogitti dhihoo jirtu – gandi Magaanii, kaleessa waaree booda sa’aa afuritti hidhattootaan haleelamte. Hojjetoota WHO shan isaan butanii deeman deebisuuf barbaadaa jirra – jehhan – Koloneel Kaliif.

Hojjetoonni shananuu lammiwwan Somaaliyaa yoo tahan, talaalii Pooliyoo, ka Sagantaa Jaarmayaa Fayyaa Addunyaan geggeessamaa jiru keessaa hojjetan.

Jaarmayichi Addunyaa haga ammaatti waa’ee kanaa hin baasne.