Sochiin Geejjibaa Waan Uggurameef Qaala’insa Jireenyaaf Saaxilamne, Jedhu JIraattoni Hagi Tokko 

Magaalaalee Oromiyaa Lixaa tokko tokko keessatti sochiin geejjibaa waan gufateef qaala’insa jireenyaaf isaan saaxiluu jiraattotni VOAf yaada kennan dubbatan.

Kanaan Wal-qabatee konkolaataan Godina Qellam Wallaggaa magaalaa Dambi Doolloo seenus tahe keessaa bahu hin jiru jedhu.

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Qellam Wallaggaa garuu, “Dhaabbilee tajaajila geejjibaa dhuunfaa kennan muraasa irraa kan hafe, sochiin geejjiba uummataa hin dhaabbanne” jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaas “waamichi qaamoleen sochiiwwan diinagdee danqan gochuuf fedhii qaban taasisan hin milkoofne,” jedhee jira. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Sochiin Geejjibaa Waan Uggurameef Qaala’insa Jireenyaaf Saaxilamne, Jedhu JIraattoni Hagi Tokko