Waa'a 'ee Hidha Laga Abbayyaa Irratti Har'a Mariin Jalqabamee Jira

  • VOA

Faayilii - Itiyoophiyaa, Masrii fi Suudaan kanaan dura Finfinneetti marii yeroo geggeessan

Itiyoophiyaa, Masrii fi Suudaan marii marsaa haaraa har'a Finfinnee keessatti taajjabdummaa Gamtaa Afrikaa jalatti jalqabuun isaanii gabaafamee jira.

Gabaasaaleen oduu akka jedhanti dhimmootiin irratti fulleeffatamu waa'ee Teknikaa fi seeraa irratti ta'a.

Yoo caamnii mudatee Itiyoophiyaan bishaan hagamii gadhiisuu qabdi ka jedhuus biyyonni sadeen ni mari'atu jedhamee jiara.