‘Walitti Bu’iinsi Asoosaatti Uumameen Lubbuun Namaa 4 darbeera’ – Jiraattota

Walitti bu’iinsi Magaalaa Asoosaa keessatti ta’een lubbuun namaa darbuu jiraattonni dubbatan. Akka jiraattonni jedhanitti waldhabbeen kun guyyaa sadaffaaf ka itti fufe yoo tahu, Jiraattonni dhalooteen naannoo sanaa dhalattoota saboota kaan magaalaa Asoosaa keessa jiraatan irraan saamicha fi reebicha geessisaa akka jiranus dubbatu.

Humni Poolisii Liyyuu Hayilii Beenishaangulis gocha kana tasgabbeessuurra hin jiru jechuunis jiraattonni komii qaban dabalaatanii himu. Waajjira Pirezidentii Naannoo Beenishaangul Gumuuz irraa Qondaalli Mootummaa tokko magaalaa Asoosaa keessa tasgabbiin akka hin jirre himanii, qaamni nagaa kabachiisu jaarsolii biyyaa waliin ta’uun nagaa tasgabbeessaa akka jiru VOA’f himaniiru.

Galmoo Daawit dabalata qaba.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Walitti Bu’iinsi Asoosaatti Uumameen Lubbuun Namaa 4 darbeera’ – Jiraattota