Labsiin Yeroo Muddamaa Labsameyyuu Yaddoon Nageenyaa Hin Jiru, Jedhu Ministarri Dhimma-alaa Itiyoophiyaa

  • VOA

Ministarri dhimma-alaa Itiyoophiyaa – torban dabre keessa, mootummaan isaanii labsii yeroo muddamaa labse iyyuu, yaaddoon nageenyaa biyyattii keessa akka hin jirre dubbatu.

Muddama siyaasaa biyyattii keessa qabbaneessuutti fuulefachuun – jechuudhaan, eega mootummaan hidhamtoota siyaasaa qeeqxota isaa ta’an bebbeekamoo fi hoogganoota dhaabota mormituu dabalatee – hidhamtoota hedduu hiikanii guyyoota lamaa booda, eega muummichi-ministaraa biyyattii, waltajjii siyaasaa bal’isuuf karoora paartiin isaanii qabateef gumaachuuf taayitaa gad-lakkisuuf eega xalayaa galfatanii guyyaa tokko booda, mootummaan immoo gaafa Guraandhala kudha ja’aa labsii yeroo muddamaa kana labse.

Ambaasaddaroota biyyoota alaaf har’a ibsa Finfinnee keessatti kennaniin kan kana dubbatan – ministarrri dhimma-alaa Itiyoophiyaa – Obbo Warqinee Gebeyyehu -- “mootummaan labsii yeroo muddamaa kana labsuun isaa, tasgafbii-dhabinsa biyyattii keessa jiru, seera-eeginsa idileetiin to’achuu waan hin dandeenyeef” – jedhan.

Ambaasaddaroonni biyyoota alaa garuu, waa’ee labsii yeroo hatattamaa kana yaaddoo akka qaban ibsanii jiran.

Gabaasaa guutuu dhaggeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Labsiin Yeroo Muddamaa Labsameyyuu Yaddoon Nageenyaa Hin Jiru, Jedhu Ministarri Dhimma-alaa Itiyoophiyaa