Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masjiida Kaanaadaa Keessatti Namonni Ajjefaman Kaan Mada’an


Masjiida Kaanaadaa Keessatti Namonni Ajjefaman Kaan Mada’an
Masjiida Kaanaadaa Keessatti Namonni Ajjefaman Kaan Mada’an

Magaalaa Kebek kan kaanaadaa keessatti hidhattonni Dilbata kaleessaa gara galgalaa Majiida tokko haleeluun nama 6 ajjesanii kanneen biroo 8 madeessan.

Dubbii himtuun polisii akka jedhanti shakkamtoonni lama hidhamanii jiru. Garu eenyummaa isaanii fi odeeffannoo guutuu hin laanne. Dhimmi kun qoratamaa akka jiru kan ibse polisiin odeeffannoo dabalataa akkasumas ragaa funaannataa akka jiru beeksise.

Hogganaan waaltaa aadaa Islaama Kebek akka jedhanti namoonni sagada galgalaaf walitti qabamanii ituu jiranii dhukaasii irratti baname.

Polisiin akka jedhutti nama 53 tu masjiida sana keessa ture.Mummichi ministeera biyyatti haleellaa shoroorkaa musleemoota irratti gaggeeffame ittiin jedhan balaaleffatanii jiru.

XS
SM
MD
LG