Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Amerikaa Keessaa


Namoonni kumaan lakkaawwaman Waayit Hawusii funduratti ajeja pirezdaant Doonaald Traamp dabarse mormuudhan hiriira bahan, Waashingitan Diisii, Amajjii 29, 2017.
Namoonni kumaan lakkaawwaman Waayit Hawusii funduratti ajeja pirezdaant Doonaald Traamp dabarse mormuudhan hiriira bahan, Waashingitan Diisii, Amajjii 29, 2017.

Uummanni kuma hedduun Dilbata kaleessaa whaayit Haawus cinatti kan hiriiran yoo ta’u magaalaalee Amerikaa hedduu keessattis guyyaa lammataaf itti fufee jira.Kunis prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp biyyoota musleemaa 7 irraa namnii Amerikaatti hin seenne uggura ka’an mormuun ture.

Dhaadannoleen dhagesisaniis jibba dhaabaa, sodaachisuu dhisaa, baqattonni simatamoo dha, kan jedhu of keessaa qaba.Kunis baqataan kam iyyuu hanga guyyaa 120 ykn baatii 4tti Amerikaa akka hin seennef kan ugguru of keessaa qaba.

Kana malees namoonni Vizaa qaban kannen lammummaa Iraan, Libiyaa, somaaliyaa, Iraaq, Sudaan fi Yaman qaban kam iyyu akka Amerikaa hin seenne dhorkamee jira.

Hiriirri mormii kun New York keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u Losaanjalas, Fladeelfiyaa, Hiwustan, Bostan, Atlantaa, Luwisvil fi Ditroyiite keessatti gaggeeffamaa jira.

Mormii Amerikaa Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:28 0:00

XS
SM
MD
LG