Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horro-Guduruu Keessatti Hidhaa fi Dararaan Hammaate Jedhu, Jiraattonni. Waan Seeraa Ala Hojjetame Tokkoyyuu Hin Jiru, Jedhu – Ajajaan Poolisii Godinichaa Immoo 


Faayilii - Hiriira mormii Oromoonni Finfinneeti bahan, Hagayya 6, 2016
Faayilii - Hiriira mormii Oromoonni Finfinneeti bahan, Hagayya 6, 2016

Godinaa Horroo-Gduruu Walllaggaa keessa kanneen jiran – aanaalee sadii, jechuun, Amuruu, Jaardagaa Jaartee fi Jimmaa Gannatii keessaa namoonni hedduun hidhamanii gidirfamaa jiru, jedhu – jiraattonni godinaa sanaa. Akka jecha jiraattota godinaa sanaatti, kanneen Amuru keessaa qabaman barsiisootaa fi barattoota dabalatee namoonni 11, akkasumas, kanneen jaardagaa Jaartee irraa qabaman barsiisonni, warri barattootaa fi daldalaan walumaa-galatti namoonni kudhan, gara magaalaa Godinaa sanaa – magaalaa Shaambuu geessamanii, mana-hidhaa gadaanaa keessatti, qaama saanaa qullaa simmintoo irraa ciibsamanii akka gidirfamanii jirani dha, ka dubbatame. Aanaa Jimmaa Gannatii keessattis, eega labsiin yeroo hatattamaa labsamee as kanneen hidhamani achuma mana-hidhaa aanichaa keessa kaa’amanii jiran, jedhu – jiraattonni. Itti-aanaa ajajaan waajira poolisii Godinaa Horroo Guduruu-Wallaggaa garuu, sababaa yakkaan namoonni aanaalee irraa qabaman akka jiran mirkaneessanii, garuu lakkoobsa isaanii fi maqaa isaanii hin qabanne, jedhu. Namoota seeratti dhihaachuuf geessamanii, guyyoota xiiqqoof hidhaman tokko lama yoo tahe irraa kan hafe kanneen maqaan isaanii tarreessame sana quba hin qabnu, jedhu.

Kana cuqaasaa tii qophii guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG