Xurree ittiin seenan

Magaalaaleen Oromiyaa Maal Keessa Jiru?

  • Jaallannee Gammadaa

Magaalaaleen Oromiyaa Maal Keessa Jiru?

Magaalaaleen Oromiyaa Maal Keessa Jiru?

Magaalaalee shan irraa jiraattoota hasoofsiifne haallii isaan keessa jiran harka caalaan wal fakkaataa dha.Kunis uummata dorsisuu, reebuu, hidhuu akkasumas manneen namaa cabsanii halkan seenuun qabeenyaa jiran kan akka bilbilaa harkaa fi maallaqaa saamuun namoota qabanii deemuu ka jedhu. Darbee darbee shamarranii fi dubartoota abbaan warraa irraa hidhame gudeeduun akka jiru illee ibsan jiraattonni. Nama lama ta’uun dhaabachuu ykn adeemuun dhorkaa ta’u isaa, bakka bakkatti immoo manneen barumsaa cufaa ta’uu jiraattonni dubbataniiru.

Kanneen daldala akka Jimaa irratti bobba’an immoo yeroon gabaa iddoo biraa dhaqqabuuf uggurri sa’atiin ka’ame danquu isaa fi daandii irra kokolaataan yeroo deeman dhabsiifamanii reebamuu fi ajjefamuun kan isaan mudatu ta’uu dubbatu.

Labsii yeroo hatattamaa sana booda biyyatti bulchaa kan jiru komaand postiin sabaa himaa mootummaa Itiyoophiyaaf ibsa kenneen Godina Qellam wallaggaa magaalaa Dambii Dolloo fi naannoo sanatti meeshaa saamamee ture ittiin jedhe 70 deebifamuu fi kannen jeeqamsa kakaasan jedhaman 110 to’annaa jala ooluu fi kanneen hafan qabuuf hordoffiin itti fufuu isaa beeksiise.

Komaan post itti fufuun magaalaa Shaashamannee keessaa namoonni 450 Godina Arsii Lixaa keessaa namnii 670 shakkiin qabamanii dhimmi isaanii qoratamaa akka jiru ibse.Meeshaa waraanaa saamamee ture jedhe 162 keessaa 88 deebi’uu isaa fi Godina Gujii Dhiyaa keessaa meeshaa waraanaa saamamee keessaa Kilaashiin 32 deebifame jedha. Godiinuma kana keessaa shakkamtoonni 302 to’annaa jala ooluu fi 20 harka kennuuf dubbataa jiru jedha.Godiina shawaa bahaa aanaalee 8 keessaa meeshaa waraanaa 92 fi shugguxiin 8 deebifamuu ibsee waluumaa gala Oromiyaa meeshaa waraanaa saamamee ture 513 keessaa 384 akka deebi’uu ta’eera jedha Komaan Poostiin ibsa karaa sabaa-himaa baaseen.

Gabaasa guutuu dhaggeeffachuuf kana cuqaasaa

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG