Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Magalaa Ambootti Geggeessame, Jedhamee fi Himannaa Hidhaa fi Ajjeechaa Arsii Nagellee Keessaa


Mana Barumsa Ambo Ol'aanaa Sadarkaa 2ffaa
Mana Barumsa Ambo Ol'aanaa Sadarkaa 2ffaa

Godinaa Shawaa Lixaa, magaalaa Amboo keessatti har’a ganama mormiin jiraattotaan jalqabamee barattoota sadarkaa lammaaffaatiin naannoo Awwaaroo jedhamutti itti fufe tarkaanfii humnoota mootummaatiin facaasamuu isaa dubbatu jiraattonnii fi barattoonni. Akka jecha isaaniitti, halkan dabre kana barii jala, humnoonni mootummaa manneen jiraattotaatti bobba’anii namoota qabuu isaatiin mormiin sun jalqabe. Sababaa mormii sanaatiin barattoonni fi jiraattonni reebamuu fi hedduun qabamanii hidhamuu illee dubbatu.

Mormii godina Arsii Lixaatti bara darbe geeggeeffame (Suuraa Faayilii)
Mormii godina Arsii Lixaatti bara darbe geeggeeffame (Suuraa Faayilii)

Gama biraatiin Godinaa Arsii Lixaa, aanaa Arsii Nagellee keessatti, uummanni aanichaa, dhuminsa Ayyaana Irreechaa irratti dhaqqabe mormuudhaan hiriira bahuu isaa irraa kan ka’e tarkaanfii humnoonni motummaa fudhataniin, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Fulbaana 24 irraa eegalee haga har’aatti namoonni jaatamaa ol ajjeesamuu fi ka biroo hedduun hidhamuu dubbatu – jiraattonni.

Jaarsolii yokaan maanguddoota gowwoomsuu fi sodaachisuudhaan akka ijoollee jalaa miliqxe qabanii itti dabarsan illee taasisaa jiran, jedhu – jiraattonni kun. Aangawaan nageenyaa aanaa sanaa himannaa jiraattotaa sana dhaga’an iyyuu, haga ammaatti deebii hin kennine.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG