Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Mooraa Baqataa Cufuutti Ariifachuu Hin Qabdu: Tokkummaa Mootummootaa


Faayilii - Baqataa Somaaliyaa fi ijoolee isaa,mooraa baqqatootaa Dadaab, Keeniyaa, 2011
Faayilii - Baqataa Somaaliyaa fi ijoolee isaa,mooraa baqqatootaa Dadaab, Keeniyaa, 2011

Jiloonni golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa Keeniyaan mooraa baqattootaa guddicha cufuuf murteessuu ishee ilaalchisee mari’achuuf gamasitti imalanii jiru.

Mariin sun milk’aanni irraa argame hin jiru garuu ambasaddorri jiloota Sanaa keniyaan tarkaanfii kamittuu akka hin ariifannee beeksisan. Marii isaanii keessaa inni ijoon baqattooa kuma 330tti hedaman kan keessa jiraatan mooraa Dhadhaab cufuuf murteessuu ishee ti. Miseensonni gola naga eegumsaa har’a waajjiara TM kan Nairobi jiru keessatti presidenti Kenyatta waliin mari’atanii jiran.

TM-tti ambaasaddorri Britain Mathew Rycroft akka jedhanitti Keeniyaan dirqama ishee kan sadarkaa addunyaa guutuuf prezidaantii biyyatiitti ergaa kana dabarsuun baay’ee barabaachisaa dha. Isaanis diraqama sadarkaa addunyaa jiru guutuuf cicha qabu jedhan.

Ambaasaddorichi Britain akka jedhanitti golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa yaaddoo nageenyaa Keeniyaan qabdu ni hubata, cina ishees dhaabachuuf qophee dha jedhan.

Keeniyaan dhiyeenya kana sodaa nageenyaaf jecha mooraa Dhadhaab kan cuftu ta’uu labsite. Ministriin dhimma biyya keessaa bhiyyattii akka jedhetti finxaaleyyiin al-Shabab mooraa Dhadhaabiin haleellaalee kan akka galma gaaa Westgate bakka namoonni 67 bara Fulbaana bara 2013 keessa ajjeefaman kakaroorsuuf bakka leenjisaatiif itti fayyadamu.

Keeniyaan Mooraa Baqataa Cufuutti Ariifachuu Hin Qabdu: Tokkummaa Mootummootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:14 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG