Xurree ittiin seenan

Breaking News

Apple,dhaabii teknooloojii Amerika guddaan galiin itti diqqaannaan itti gaafatmaa isaa guddaa, Tim Cook irraa horii diqqeesse


FILE - The Apple logo is projected during an announcement in San Francisco.
FILE - The Apple logo is projected during an announcement in San Francisco.

Dhaabii teknooloojii Amerikaa beekamaan waajjira isaa guddaa Cupertino California qabu,Apple komputera, mi’a elekitiroonikis baasa,hin karoorsa,hin guddisa,hin gurgurallee.

Mi’ii elektirooniksiin inni hojjatu: I phone, I pad, I pod,Apple Watch, Macintosh (komputra PC bara 1984bahe) Apple TV, I pad Mini, Keynote, Quick Time, Final Cut pro, Key Note (bara 2016 bahe) fi waan hedduu hojjatu.

Galiin Apple silaa bara 2016 keessa argachuuf kajeele $biliyoona 223.6 taatullee waan abdate harka %3.7 dhabe.Horin hujiin hojjachuuf qabate $miliyoona 60.3 keessaa %0.5 irraa hanqate.

Horii kana fulaatti deebifachuuf ammoo Apple horii itti gafatamaa isaa guddaa Tim Cook kennu harka dhibbaa keessaa %89.5 kenneef.

Tanumaaf Tim Cook horii silaa bara 2016 keessa argachuu male $miliyoona 10.28 keessaa $miliyoona $8.75 qofa argate.

Horiin kun mindaa isaa $miliyoona 3 fi horii badhaasaa fi gannuma gannaan mindaa irratti dabalaniif fa.

Apple, I phone silaa innii bara 2016 gurgurachuuf karoorfatetti akka dansaa gurguramuu dadhabe.

Apple nama sadii: Steve Jobs, Ronald Wayne, Steve Wozniak Ebla, 1, 1976 Kaalifoorniyaatti jalqbe. Galiin Apple bara 2016 argate $biliyoona 215.6 qofa.

XS
SM
MD
LG