Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kuubaa fi Amerikaan ganna 50 duubatti gabayaa walti naqachutti jiran, dooniin kuubaa cilee mukaa fa’ate Amerikaatti gurgurachuuf karaa jira


Qonnaan bulaa Kuubaatti cilee gubee gurguraaf qopheeffachuutti jira.Ammajii 5,2017
Qonnaan bulaa Kuubaatti cilee gubee gurguraaf qopheeffachuutti jira.Ammajii 5,2017

Kuubaan biyya jireenna kooministiitiin bultu, ta mootummaan isii biyya tana addunyaan wal hanqisee ganna 50 caalaa maatiin bulchaa bahe.Jireennii isiilleen guddoo duuba jira.Waan namii argachuu male fkn ka interneetii fi waan hedduu hardhallee hin qabdu.

Biyyootii akka Amerikaa fi hedduun akkii mootummaan biyya sunii Kuubaan bulchu jireenna badaa jedhanii biyya tana adaban.

Waan biyyitii tun biyya alaatti gurgurattuu ka gabayaa itti barbaadachuutti jirtu keessaa tokko cilee mukaati.

Amerikaa fi Kuubaan akkuma bulchiinsii Obaamaa duraan waadaa galeef torbaan laman duubatti walirraa wa bitachuuf walti gurgurachuu jalaban.

Ganna 50 caalaa waan akkanaa waliin hojjatanii hin beekan.Dooniin Kuubaa cilee toonii dhibbaa baate deemuu torbaan lamaan duubatti gabayaa AMeikaa dhufa.Waan Kuubaan biyya alaattti gurgurattu keessaa tokko cilee muka Marabu jedhaniiti.

Akkuma kanaan dhaabii Cilee mootummaa Kuubaa Cilee tooniin tokkichii $420 dhaaba daldalaa Amerikaa Cabana jedhanitti gurgurachuuf dhufa.

Cileen muka Marabu tun cilee Piizaa fi daabboon waddan.Kuubaatti daldalii cuftii harka mootummaa jiraa dhaabii Kuubaa cilee mootummaatti gurgrata mootummaan Kuubaa ammoo Amerikaatti gurgurata.

Dhaabii daldala Kuubaa kun bara dabare qofa cilee toonii kuma 80 Xaliyana, Jermenii fi biyya akka akkaa jahatti gurgurate.

Dooniin Kuubaa ka qaraa Amajii 18,bara 2017 yoo Donaldi Tiraampi Amerikaa bulchuuf guyyaan lamaa hafu Amerikaa gaha.

Tiraampi bara isaatti hariyummaa Amerikan Kuubaa waliin qabdu habisuuf fa dandaha.

XS
SM
MD
LG