Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Giddu-gala Ripubliukii Dimookraatawa Koongoo Keessatti Ajjeechaa Dhihoo Geggeessamee Mootummaan Akka Qoratamu Gaafate


Tokkummaan Mootummootaa Giddu-gala Ripubliukii Dimookraatawa Koongoo Keessatti Ajjeechaa Dhihoo Geggeessamee Mootummaan Akka Qoratamu Gaafate
Tokkummaan Mootummootaa Giddu-gala Ripubliukii Dimookraatawa Koongoo Keessatti Ajjeechaa Dhihoo Geggeessamee Mootummaan Akka Qoratamu Gaafate

Hoogganaan Mirga Dhala-namaa, ka Tokkummaa Mootummootaa, giddu-gala Ripubliukii Dimookraatawa Koongoo keessatti ajjeechaa dhiheenya kana geggeessame, kan haga tokko Mootummaan itti komatamu irratti akka qorannaan sadarkaa Addunyaa geggeessamu waamicha godhanii jiran.

Ze’iid Ra’aad Al-Huseen, har’a, gumii mirga dhala-namaa Tokkummaa Mootummootaaf ibsa kennaniin, baatiilee lamaan dabaran keessa jireettonni gandeenii dhibbaan lakkaawaman garii rasaasaan dhawamanii, kaan morma ciramanii, ibiddaan gubamanii, qaamni irraa cicciramee ajjeesaman – jedhan.

Kan baay’ee na gaddisiisu, gareen Milishaa “Baanaa Muraa” jedhamu, akka mootummaa gargaaree garee finciltootaa “Kam-wina N-Saapuu” jedhqamu lloluuf aangawoota mootummaatiin ijaaramee hidhachiisamuu isaa ti – kan jedhan – aangawaan Tokkummaa Mootummootaa kun, finciltoonni sun garuu uummata Siivilii, kan gosoota Lubaa fi Lulu-aa irratti haleellaa suukanneessaa akka geggeessaa jiran dubbatan.

Gumiin Mirga Dhala-namaa, ka Tokkummaa Mootummootaa, giddu-gala Ripublikii Dimookiraatawaa Koongoo keessatti kan argamtu – kutaa Kaasaa’ii keessatti akka qorannaan walabaa geggeessamu torban kana keessa sagalee kennuuf jira. Waa’ee ogeeyyii Tokkummaa Mootummotoaa jalqaba waggaa kanaa irraa ajjeesaman illee of keessaa qaba – qorannaan akeekame kun.

Ministarri Murtii Haqaa, ka Ripublikii Dimookiraatawa Koongoo garuu – Aleksis Taambiwee Miwaambaa garuu, gareen qorannaa walabaa biyya isaanii keessatti bobbaasamuu ni morman.
“Qorannaan aangawoota Koongoo of keessaa hin qabne fudhatama hin qabu” – jedhu.

XS
SM
MD
LG