Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Siriyaa Rukutamee Kufee jetti Raashiyaan


Xayyaarri Siriyaa Rukutamee Kufee jetti Raashiyaan
Xayyaarri Siriyaa Rukutamee Kufee jetti Raashiyaan

Xayyaaroota wal taatootaa kanneen yunaaytid Isteetesiin hogganaman hundumaa samii Siriyaa irratti kan itti qiyyaafachuu jalqabdu ta’u Raashiyaan beeksiiftee jirti.Kunis xayyaara waraana Amerikaa samii Siriyaa irratti xayyaara waraanaa Siriyaa eega kuffisee booda.

Waraanni Raashiyaa har’a ibsa baaseen dogoggoraan wal haleeluun akka hin jiraanneef meeshaa qunnamtii gargaarutti fayyadamuu kan dhaabe ta’u beeksisee jira.

Sababaiin isaas humnootiin wal taatotaa meeshaa qunnamtii Kan Siriyaa keessatti balaan akka hin uumamnee ittisuuf gargaaru hin gargaaramanjechuun waraanni Raashiyaa himatee jira.

Ministriin Ittisaa kan yunaaytid Isteetes ykn PeentaagobnDilbata kaleessaa akka ibseetti xayyaarri SU-22 jedhamu kan Siriyaa humnootii wal taatotaa kanneen magaalaa TABQAH cina jiran irratti Bombii roobse.Sana booda Amerikaan xayyaara Siriyaa haleeluun kuffifte jedh.

Balaliisaas ta’e kanneen biroo achi keessa turan kan ilaaleen kan dubbatame hin jiru.Duraan humnootiin Siriyaa humnootii wal taatotaa kanneen Ja’Din keessaa haleelanii hanga tokko eega madeessanii booda akka gadhisanii ba’an godhan.

XS
SM
MD
LG