WAASHINGITAN, DIISII —
Miseensa mana maree US kan ta’an Steve Scalise Waxabajjii 14 rasaasaan dha’amanii erga madaa’anii yeroo jalqabaaf gara mana maree bakka bu’ootaatti deeb’uu dhaan dinqiin ta’uu danda’uu isaaf ani fakkeenya jiraataa dha jechuu dhaan waahiloota isaaniif ibsan.
Balaa madaa’uu du’aan isaan ga’uu malu irraa oolanii baatilee hanga tokko booda Scalise suuta adeemuu dhaan har’a gara mana maree duratti kan dhiyaatan ulee dhaan deggeramuun yoo ta’u seera tumtoonnis gammachuun simatan.
Erga Alexandria, VA keessatti itti dhufaafamee as yeroo jalqabaaf tura Ibsa waahiloota isaaniif kan kennan.