Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraqii fi Turkiin Kan Filannoo Referendumii Geggeeffatan Warra Kurdii Adabna Jedhan


Kurdoonni ennaa isaan referendumii walabummaa isaanii mirkaneessuutti gammadaaj iran kanatti Iraaq biyya ofiin of bulchuu labaaatte kana adabuuf jecha daandii qilleensaa cufuuf dhaadachuu dhaan shaakala waraanaa Turkii waliin geggeessuuf walii galte.

Filannoon sun faallaa seeraa ti kan jedhe paarlaamaan Iraaq kaleessa ibsa kenneen muummicha ministeeraa Haider al-Abadi gara kutaa bob’aa oomishtu naannoo kurdootaan to’atamte Kirkukitti loltoota erguu dhaan keellaa boba’aa akka to’atamu gaafatee jira.

Biyyoota 34 kanneen Kurdii waliin gurmuu diplomaasummaa qaban hariiro jiru akka kutan itti himuu dhaan Abdiin murtii bulchaa Kirkuk Najmaldin Kariim waan isaan filannoo sana geggeessaniif hojii irraa akka ari’anis gaagatee jira paarlamaan kun.

Waggaa sadii dura utuu Mosul IS harkatti hin kufin naannolee to’annaa mootummaa Iraaq jala turantti illee loltoonni akka bobba’an gaafatee jira.

XS
SM
MD
LG