Xurree ittiin seenan

Porto Riikoon Kaan Waliin Qixa Ilaalamuu Qabdi: Bulchaa Biyyattii

  • VOA

Bulchaan Portoriikoo Ricardo Rosello ennaa daawwannaa isaanii White House har’aa uummati qabiyyee US keessa jiraatu balaa bubbee hamaa irra ga’e irraa dandammachuuf kaan waliin qixa ilaalamuu qaba jechuun prezidaant Traampitti kan himan ta’uu beeksisan.

Odolattiin Poorto Riikoo kan walakkeessa US irraa gama kibbaatti fageenya km 1600 irratti kan argamtu ennaa ta’u lammiiwwan Ameerikaa miliyoona 3.4 keessaa dhibba irraa harki 20 kanneen gamas jiraatan ibsaa fi kan dhibba irraa harka 35 ta’an immoo bishaan malee jiru.

Tattaaffiin mootummaan biyyoolessaa kutaalee biyyattii kaan kanneen bubbee mudate irraa dandammatan gaarii ta’us kan Portoriikoo garuu rakkoo hamaa qaba. Roselloon akka jedhanitti kana keessa waliin jirra, kanaaf qixa ilaalamuu qabna jedhan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG