Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Somaaliyaa Al-Shabaabitti Duuluuf Dhaadatan


Farmaajo
Farmaajo

Haleellaa boombii hamaa Somaaliyaa mudateen wal qabatee prezidaantiin biyyattii Mohaammed Abdullaahii Mohaammed Al-Shabaab irratti duula akka labsan uummata kumaan lak’amuuf Moqadishoo keessa hiriireef ibsanii jiran.

Uummati kurna kumaan laka’amu kaleessa Moqaadishoo fi magaalaalee ijoo Somaaliyaa keessa hiriiruu dhaan kanneen dho’iinsa yoo xiqqaate lubbuu nama 300 galaafatee 400 ol kanneen ta’an madeessee balaaleffataniiru.

Prezidaantichi hiriirtota mormii sanaaf ibsa kan kennan kanneen haleellaa Sanbata darbe kan mootummaan al-Shababtu raawwate ittiin jedhen du’anii fi madaa’aniif kadhannaan wayita godhametti ture.

Prezidaant Mohammed Abdullaahii Farmaajoo akka jedhanitti al-shabaabitti duuluu fi kanneen maatiin irraa dhumaniif qubsuma tolchuuf doolaarri miliyoonni 14 ramadameera jedhan.

XS
SM
MD
LG